Pilaaneetoota
From Wikipedia, the free encyclopedia
Jechii "Planet" jedhuu jecha greek " planḗtai" irraa kan dhufee yoo ta'uu hiiknisaas"jooraa" jechuudha kana bu'uureffachuuniis jechii "planet" jedhuu gara afaan oromoottii yoo Hikkamuu "Lafjoo" jedhama kana jeejuuniis lafa jooraa jechuudha.
Pilaaneetiin ykn lafjoon ykn bakkalleen ykn fakkardiin qaamolee kan urjii tokkotti naanna'anii fi siiqqee isaanii ofiin naannaana'an isaan dandeessisu qabanidha. Fakkeenyaaf, Xurree Aannannoo ykn Ruda gidduu urjii Aduu jedhamtuu fi pilaaneetota saddeet naannoo ishee naanna’an qabdi. Lafjoo qaamman sirna Biiftuu keessatti biiftuu naanna’aniidha. Lajoonnii hundinuu biftuu irraa fageenya adda addaa irra kan jiraniifi orbiitii(Jeema) mataa ofii qabu. Jeemni daandii yaadaa boca killee qabuufi kan lafjooleen irra biiftuu naanna’aniidha. Jeema pilaanetootaa hunduu walirra hinbu’an. Biiftuun humna harkisaa qabduun lafjoolee gara ofiitti harkifti. Humni harkisa biiftuu kun humna gara keessaa yookaan humna seentiriipetaalii jedhama. Humni faallaa kanaa ta’ee lafjooleen harkisa walirraa qaban kun immoo humna gara alaa yookiin humna seentiriifugaalii jedhama. Humnoonni kunniin lamaan humnoota walqixaafi faallaa walii yommuu ta’an lafjooleen akka orbiitii isaanii osoo gadi hindhiisin biiftuu naanna’an gargaara. Lafjooleen ifa mataa isaanii hin qaban. Garuu ifa biiftuu irraa argatan calaqqisiisuu danda’u. Lafjoolee keessaa Veenusii (bakkalcha) malee kan hafan ijaan urjiilee biroo irraa gargar baasuun arguun rakkisaadha. Bakkalcha ganamaafi galgala ijaan ilaallee urjiilee biraa irraa adda baasuun nidanda’ama. Pilaanetootaafi urjiilee gargar baasanii beekuuf meeshaa teleeskooppii jedhamutti fayyadaman.