Baatirii
From Wikipedia, the free encyclopedia
Baatiriin elektirikii meeshaa seelii elektirookeemikaalaa of keessaa qabu yoo ta'u hojiinsaas anniisaa keemikaalaa gara anniisaa elektirikiitti jijjiiru dha. Seelin tokko tokkoonsaa moggaa poozatiivii, ykn kaatodii, fi moggaa nageetivii, ykn anoodii qaba. Elektiroolaayitoonni ayonoonni elektiroodota ykn moggaa lamaan gidduu akka yaa'u godhu, kunis karantiin baatirii keessaa yaa'ee hojii akka hojjatuu godha.
Baatiroonni dursaa (primary battery) yeroo tokkoo faayidaarra oolanii achii booda kan gatamani dha; elektiroodonni isaanii yeroo baatiriin hojjatu akkaataa duubatti deebi'uu hin dandeenyeen jijjiiramu. Fakkeenya gaarin baatirii alkaalayinii kan meeshaalee socho'an baayyeen itti fayyadamanii fi kan ifaaf tajaajilu dha. Baatiriin lammaffoo (kan chaarjeffaman) yeroo baayyee chaarjii godhamuu fi faayidaarra ooluu danda'a; qabiyyeen elektiroodii kan jalqabaa yeroo karantiin faallan keessa darbe bakka duraatti deebi'a. Fakkeenyaaf baatirii liid-asidii kan konkolaataa keessatti itti fayyadmnu fi baatirii liitiyeem ayoonii kan elektirooniksii socho'u keessatti itti fayyadamnu kaasun ni danda'ama. Baatiriin bifaa fi danaa addaa addaatin dhufa, seelii baayyee xiqqishuu kan meeshaa warra gurri dabarsu gargaaruu fi sa'aatii harkaatii humna kennuu hanga baatirii guddinaan amma kutaa tokkoo ga'u kan anniisaa waljijjiirraa bilbilaa fi daataa senterii kompitaraaf dhiyeessuu ta'uu danda'a.
Akka tilmaama bara 2005tti, wagga waggaadhan daldallii baatirii qarshii biliyoona $48 baasa, waggaatti guddina dhibbantaa 6% ta'us agarsiisa.
Baatiriin boba'aa bebbeekkamoo akka gaazoliinii caala anniisaa xiqqaa qaba. Kana garuu amma tokko baatiriin anniisaa isaanii akka elektrikiitti (kan gara hojii makaanikaalitti karaa jijjiirramu) waan kennaniif ni fura, karaa biraa boba'aan injiinii keessatti gara hojiitti yeroo jijjiiramu annisaansaa baayyee xiqqaa dha.