Dadacha'insa Lafaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Dadacha'insa Lafaa adeemsa keessoo keessaa tokko yoo ta’u kunis humnoonni lama gama faallaa irraa gara walii isaaniitti yeroo socho’an kan uumamudha. Sababa humna kanaan, baqaannii lafaa walittii dacha’u. Adeemsi sababa dhiibbaatiin Baqaannii lafaa dacha'uu Dadacha'insa Lafaa jedhamuun beekama. Humnoonni dhiibbaa dadacha'insa lafaa kan maddisiisan akka waliigalaatti karaa lamaatiin uumamu. Isaanis:
a) Yeroo urundoon(kutaa) lafaa lama gara walitti yoo socho’aa jiran
b) Yeroo urundoon(kutaa) lafaa tokko gara urundoon(kutaa) lafaa dhaabatattii yoo socho’e
Dadacha’iinsi lafaa kan uumamuu naannoo kattaan kuus-mansaa itti argamutti. kattaan kuusmansaa akka kattaalee biroo cimaa/jajjaboo waan hin taaneef dadacha’insaaf saaxilama. Sababni dadacha’insa lafaa humnoota keessa lafaatii ka’aniidha. Haa ta’u malee, naannoo kanatti akka volkaanoo wanti lafa keessaa bahee kuufaman hin jiru, yookiin qaamni lafaa caccabeefi babbaqaqee citee gad lixu hin jiru. Naannoo dadacha’iinsiitti uummamuutti lafti oldhiibbamuun gaarreenifi tulluuwwan faan ni’uumamu. Bakka humni cimaan jirutti gaarreen gurguddoo ta’an ni uummamu. Gaarreen gurguddaan kaaba Afrikaa kan akka Atlaasii, Awurooppaa Alpisiifi Eeshiyaa Himaaliyaa faan sababa dadacha’iinsaan uumaman. Humnoonni keessa lafaatii maddanii qaama lafaa irratti jijjiirama guddaa fidan dhala namaafi lubbu qabeeyyii biroo irrattis miidhaa salphaa irraa kaasee hamma cimaa ta’etti dhaqabsiisuu danda’u. Fakkeenyaaf dhoo’insa voolkaanoo bara 2002 Haayitii keessatti raawwate fudhachuun ni danda’a.