Gammoojjii
From Wikipedia, the free encyclopedia
Gammoojjiin naannoo lafa gogaa ta’ee fi rooba xiqqaan itti roobu yoo ta’u, kanarraa kan ka’e haalli jireenyaa biqiltootaa fi bineensotaaf muraasa qaba. Hanqinni biqiltootaa lafa eegumsa hin qabne qulleesuu(denudation)'f saaxila . Tokkoo sadaffaan laffaa goggogaa(bonaayaa) ykn walakkaa goggogaa(bonaayaa) dha . kunis naannoowwan bantii baay'ee kan rooba xiqqaa ta'e kan hammatu yoo ta'u, naannoowwan bantii kun gammoojjii bantii ykn "gammoojjii qorraa" jedhaman. Gammoojjiin hamma rooba roobuun, hamma ho’a olaantummaa qabuun, sababoota gammoojjeemmeessuu ta’uu isaaniitiin ykn teessuma lafaatiin ramadamuu danda’a.